27/05/2026
Bara dhufutti Oromiyaa fi Finfinne keessa qofa Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa filatama jedhame .
Turtii Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa Umurii 17 gadii morookootti taasise ilaalchisee guyyaa kaleessaa Ibsi Miidiyaaf kennameera .
Ibsa Miidiyaa kana irratti turtii Gareen Biyyaalessichaa Morookootti taasisee fi hojiiwwan bara dhufuuf hojjetamuu qabu irratti, Hoogganaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Obbo Baahiruu Xilahuun , Leenjisaa Garichaa Beenjaamiin Zimer fi Itti Aanaa Leenjisaa Habsaaluu Faantahuun bal'inaam Yaada keennaniiru .
Finfinnee fi Oromiyaa qofaatu Guddaattota Garee Biyyaalessa Umurii 17 gadii bara dhufuuf hojjechaa jira , kanaaf bara dhufu Gareen Biyyaalessa Umurii 17 gadii Oromiyaa fi Finfinne keessaa qofa filatama jedhameera .
Ibsa kana irratti , Piroojektiin kun Waggoota 10f Karoora qabatee ka'edha , waggoota sadan itti aanan Sadarkaa CECAFA'tti doomineet gochuu(Olaantummaa fudhachuu) fi itti fufinsaan Waancaa Afrikaa irratti hirmaachuu, sanarra darbee Waancaa Addunyaa irratti hirmaannaa argachuu fi Bu'aa gaarii galmeessuudha jechuun Obbo Hamsaaluu Faantahuun dubbataniiru .
Akka Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaatti yoo xiqqaate Naannoleen 5 ykn 6 Guddattoota umurii 17 gadii irratti ni hojjetu jenne amantii qabna turre, haata'u malee haala nama gaddisiisuun Naannoo Oromiyaa fi Finfinne qofaatu Guddattoota Umurii 17 gadii irratti hojjechaa jira jechuun Hoogganaan Federeeshinichaa Obbo Baahiruun dubbataniiru .
Naannoon Oromiyaa Gareewwan 16 ramaddii 2tti qooduun, Finfinneen ammoo Garewwwan 12 irratti sirritti hojjechaa jiru, Sidaamaan Gareewwan 22 galmeessisus sababa qorannoo umurii sirrii darbuu hin dandeenyeef osoo hin adeemsisiin hafeera jechuun dubbataniiru .
Yaa'ii Federeeshinootaa kan bara kanaa baatii Jalqabaarratti taa'ameen Hoogganaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasee komii nuuf dhiyeessanii turan, kanumaan walqabatee Naannicha keessatti hojii nama boonsuu fi isaan galateeffachiisu guddattoota irratti hojjechaa jiru, kanaanis galatatu malaaf , hojii Piroojektichi qabatee irratti bu'aa abdachiisaa fidaa waan jiraniif bara dhufu Guddattootni Oromiyaa fi Finfinne keessaa qofa filatamu jechuun obbo Baahiruun dubbataniiru .