28/05/2026
🚨🎙️"Titles are one thing, but this kind of impact? That’s what wins awards. Bruno fully deserves it .” Pique 🇪🇸
Jeerard Piikeen Burunon badhaasa taphataa cimaa Bara kanaa injifachuu irratti:
“Namni heddun Deklan Raayisi eegaa turan. Pirimer Liigii injifachuu fi gahuumsa inni kilabicha keessatti argisiisen. Sarara jidduu kilabicha haala gaarin utube liigichas injifate dhugumatti bara gaarii dabarse.
Haa ta'u malee Burunon injifachuun ana dabalatee nama kubbaa haalan ilaaluf waan ajaa'ibaa miti. Haala Burunon torbeedhaa torbeetti goolii isaatifi Kubbaa mijeessun akkasumas carraa uumun fi Dursummaa isaatin Maan Yunaayitid itti utube, iddoo murteessituu ilaalamuu qabuudha. Bakka bilchinni isaa isaa itti muul'ate.
Liigicha injifachuun waan tokko gahuumsa akkanaa argisiisun waan addaadha! Sanatu badhaasa si injifachiisa, Burunof ni mala."
#赛事情报 #旺宝
#体育新闻 #体育吧 #赛事情报 #旺宝